Читать книгу Afaan Oromo As Second Language - Ibsaa Guutama - Страница 3
Afaan Oromoo Barachuu
ОглавлениеAfaan gabaa addunyaa keessati dorgommee ittiin hin seenamne kana maaf baruun barbaachise jedhama tahaa? Oromoon orma Afrikaa duriiti. Garba Meditaraniyaani hanga daarii Baantuu kan himatan keessaa tokko. Hiddi afaan saanii murna afaanii Kuusaa ykn Kush jedhamu keessaa ka’a. Ormi afaan Kuusaa dubbatu Abbayya ol haanuu dura bu’aa, argaa dhageettiin Grikii durii, qarooma Itiyoophiyaa jedhaniiti. Masir duriif yeroo isaan mootota (fara’oon) itti tahanis ture. Sun finnaa amma maqaa sanaan waamamuun adda. Afaanota/cabaqa jara durii keessaa hedduu badee, hedduutu laaffataa jira. Utuu ormichi jiruu afaan saa yoo bade afaan aanga’o fi dureeyyiin bakka buufame jechuu dha.
Afaan badnaan suukanniin afan sana malee hin ifsamne jiru. Sabummaa fi eenyumaa sabaawaanis waliin badu. Akkasit nammi tokkoo fafatee jeeqama eenyummaa dhuma hin qabnee fi sadarkaa namaa gadiiti bu’ee jiraachuu dirqama. Osoo afaanni hin badin barruun kaa’uun duri akkas turre jechuufillee ni gargaara taha. Caalaati immoo gaaf tokkoo dhaalmaa bade barbaadanii lubbuu jeequmsa keessaa baasuuf qoricha tahuu dandaha. Kanaaf maalifaa seenaawwaa fi hamilati abdachiisaan afaanicha baruu dirqu jira jechuu dha. Qaroommi Kuusaa qarooma ormi gurraacha hundii keenya jedhuu. Kanneen badaniin walitt fufoon afaan Oromoo keessaa ni argamu.
Afaan Oromoo yeroo hin beekamneef afaan afoolaa ture. Baldhaa waan taheef dameen beekumsaa walfakii keessaa hin arganne hin jiru. Barreessuu dhiisanii yoom akka qaabannoon galmeeffachuutti kahan hin beekamu. Akka afoola Oromooti loontu sanaaf komatama. Waan barruun jiru hunda nyaattee. Ergasii qaabannoo saanii irratt moora see dubbisuun beekumsa qoolloo keessaa fi dachee irraa akkasumas gidduu saanii jiru dhalootaa dhalootatt dabarsaa jiraatan. Kanaaf barreessaan kun “kitaabaa/macaafaa”n moor jedha; ammammoo bakka mooraa waan bu’eef.
Guddinni teknolojii ammayya akka iyyaatiin baayyinaan yaafamu waan tolcheef qaabannoo qofti gaha hin taane. Sun afoola lammii seenawaa sanaa mancaasuuf doorsisaa jira. Mirgi daa’immaan afaan ofiin barachuu aarsaa guddaa duuba beekame. Amma hamma saatii Oromiyaa keessati barumsi fi hoojii waajjiraawaan afaan ormichaan gaggeeffamaa jira. Beeksisi seeraa fi daldalaas ittiin ni kennama.
Kanaaf tolaafis hamaafis kan Oromiyaa keessatt hojjetan yk hojjechuuf abbalanis yoo baratan anjaa qabaaf. Ergammi saanii kan fedhe haatahu ormichatt makamanii quunnamtii tolfatan keessa yaada haaraan walitt dhufuu ni gargaara taha. Addunyaan aadaa wal jijjiiruun guddate. Kanatt dabalee barattooti hawaasicha keessatt qorannoo gaggeessan qooqa karaa isaan dabarsu baruun ni gargaara. Kanneen jaalalleewan saanii Oromoo tahanis barachuun bu’aa guddaa qaba.
Afaanicha barachuu kan qaban biraa jara seenaan afaan waldhaalchise. Jeeqama eenyummaa irra gaherraa oolanii boona bade deeffachuuf gara hundee saaniitt kanneen deebi’uu jara qabani. Jarri akkasi guyyuu heddummataa deemu. Ijoollee magaala halagaan bulan keessati dhalatan yk guddatan warri saani kan qaroman itt fakkaatee afaan halaga itt cabaluqu. Afaan halagaa waabari fi manaa alati isaan eega. Silaa carraa ijoolleen afaan ofii barachuu qabdu manati ture. Abbaawummaa hanqinaan akka ijoolleen afaan see hin baranne kan irra maqsan jiru. Hedduun saanii afan doomaa daa’imati qarachuu yaalu.
Kanneen biraammoo jara afaanicha beekanis maalifaa hin beekamneef barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye. Kan ofii beekanis, dhimma dhabummaan afaan ofii manuma ofii keessati gara afaan lammaffaati yoo bu’u callisanii isaan laalan jiru. Haala kana fuggisiisuuf ifaajee tolfamu hojiin kun gargaaruu dandaha. Rakkin akkasii mata mataan osoo hin tahin waliin irra haanuu yaaluu feesisa. Kanaaf gamtaan sabaawota fi hawaasaa ijaaramee barbaachisaa dha.
Waabeekota ormoota afaan saanii afaan Oromoo waliin firooma qabu fufaa afaan ofii keessaa bade isa keessaa argachuu dandahu taha. Sun akka afaanicha baratan isaan kakaasa. Afaan Oromoo afaan nagaa fi jaalalati. Hooqubaan, walalooti fi weedduun ormichaa garaa nama raasuu. Qananeeffamuu yk garaa jaalallee baqsuu eenyutu jibba? Hunda caalaa, qabeenya addunyaa badiisi irratt xiyyeeffame waan taheef oolchuun yeroo hin kennu. Koloneeffatoon hanga yoonaa afaanicha balleessuu yaalanii kan dadhaban hundee jabaa waan qabuufi. Barri hin beekamuu obsaan ittuma cichanii oolfachuu dha.
Afaanni karra seenaa, aadaa, dudhaa fi gabaabaatti qarooma orma tokkoo ittiin seenanii.Hanga yoonaa namooti dhugeeffannoo baha gidduu duwwaa, akka waaqtokkeett fudhatu. Oromoon yeroo hin lakkaawamnee kaasee waaqtokkee turani; akii isaan duraa tahuu dandahinnu? Eegalee dhugeeffannoo badaa jiru kanaa afaan jara ammallee dhugeeffannoo sana hordofanii keessaa ni arganna taha. Akkuma dhugeeffannoo hundaa waaqeffannaanis jijjirama guddaa keessa darbee. Yeroo bilisummaa Waaqeffannaan akka seera biyyatiti deemaa ture. Hammina fannoo irrati ittiin mormitu gubuu qabaachuun saan himamee hin beeku. Hogganooti saa karaa irra hacehanni hin cehinii dudhaa duritti cichanii qaceesee yoonan gahaniiru.
Gochi hamaan Waaqeffannaan tolche you jiraate buusaa aadaa fi dudhaa sabichaa keessati. Wanti akka fannoo irrati nama gubuu akka isa “Inquisition” jedhamu faa seena dhugeeffannoo hedduu keessati ni dhagahamu. Waaqeffannaan garuu waan ifati barsiisuu ala gochi rifachiisaan irra hin muldhatu. Deemsa jijjiratee dhiisees, akkuma Kiristanoti jalqabaa balaa amantee Romaa irra olfatanii, eegalee bu’uuraatti cichee satoo ayyaanoo fi aadaa durii badii irra oolcheera. Wanti barumsa afaaniif tolu yoo argame qeeqannoon jalaa barbaaddachuun beekaa tahuu dha.
Sanatt dabalee Oromiyaan ciibsaa demokrasii Gadaati. Demokraasiin dhihaa hundeen saa demokrasii Girikiiti. Garuu yeroo seenaa keessaan walitt ilaalan bulchi Gadaa kan Girikootaa caalaa hunda haammataa ture. Afaan Oromoo afaan demokraatota sanaa ture. Sana raagaa fi hinbabsineetu arga.
Kanaaf afaanicha qorachuun waan durii gadi fageenyan baruuf ni gargaara. Ijoollee biyya alati dhalattu gara caalaaf afaan Oromo irraanfatamaa jira. Ijoollee kana badii, jeeqama ayyaamii egeree itti dhufuu dandahu irraa oolchuuf karaan qaccee saanii argatan fala itt barbaachuu dha. Afaan jara saanii barsiisuu irrati warraa fi hawaasi abbaawumaan itt dhagahamuu qaba. Waanti laga hin ceesifne kun du’ee baduun seera dhalootaati maaf itt rakkana kan jedhanis jiru. Afaan ofii kophaa hin badu waan nama keessaa fudhatee badu qaba. Kanaaf of eeggachuu dha. Afaan Oromoo kan hacuucame qawween malee fedha gabaan miti. Yoo carraa argate afaanota naannaa keessaa, afaan sooressa gabaa naannaa tokkoo tahuu dandaha.
Kanneen olitt tuqaman keessaa tokkoo yoo taate beenuu abacaa eegali! Hojiin kun namoota kanaan dura abacaa laatiniin barumsa qaban irratt xiyyeeffate. Garuu kanneen hin beeknes barsiisaa yoo argatan dhimma itt bahuu dandahu. Akkusumas beekoti Oromoo beekumsa biraan raagan, dalagi afan saaniif yeroo dhabsiise jiru. Jarri akkasii yeroo nyaataa fi boqonnaaf bahanillee ija irra butuuf carraa argannaan qaanii of wallaaluu keessaa isaan baasa jedhamee abdatama. Waant halle akka fagoo ilaalan salphaas ulfaataas miti. Yaada guutuu irra buufannaan ji’a mitii guyyoota muraasa keessatt halaqaa itt tahuun ni dandahama.
Dura maqaa qubeen, keessaammoo dubbachiiftuun wal baraa. Dubbachiiftuun akka maqaa saanitt dubbachiisu. Sagalee dheeraa fi gabaabaa walii maqsuun dubbisaa baratu hundaaf dirqii taha. Hubannoon, dhaloota biyyichaan akka dheeraa fi gabaabaan itt dhahaman dhaggeeffadhu. Qubeen dubbachiiftuu hin taane hundi dubbifamaa dhamu. Isaan jabaa fi laafaa akka itt tahan barachuu dha. Dubbifamoonni baaqqee fi qindiin maaljecha waan dubbatamee irratt garagarummaa fiduu. “Cabbii” jechuu irra “cabi” yoo jette dhaamsi kee adda adda taha.
Hojii kana duuba yk waliin Dubbisaan afaan Oromoo shakalsiisu bahuuf qophaaweraa argachuu yaalaa.